ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025
Lixa Shaggar aanaa Daannoo bulchiinsa magaalaa Daannoo Roggee keessatti Waxabajjii 6, 2025 jaleewwan Bilxiginnaa shamarree haadhaa fi abbaa hin qabne nama maqaan ishee Alamiituu Cimdii jedhamtu mana jireenyaa isheen erga abbaa fi haati ishee du’anii qofaa ishee rakkattee keessa jiraattu maqaa “daandiitu irra ba’e” jedhuun beenyaa tokko malee jalaa diiganii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, jiraattota magaalichaa guutummaa maqaa “meeshaa waraanaa bitachuun nageenya naannoo keessanii eeggachuu qabdu” jedhuun saamichaa fi doorsisa garaa garaa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, kanumaan wal qabatees qonnaan bulaa maqaan isaa Kitaabaa Fiixee jedhamu dabalatee namoota hedduu jalaa qarshii 5,000 tokko tokkoo isaanii harkaa saamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa gama maraan kufte deebisanii suphuuf jecha saamichaa fi dararaa ulfaataa ta’een dinagdee uummata Oromoo quucarsaa kan jiran ta’uun ni beekama.

