ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025
Eegdonni impaayera Itiyoophiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu oggaa dadhaban gara meesha maleeyyii ilmaan Oromootti deebi’uun miidhaa ulfaataa raawwataa jiru.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Deeggaa ganda Sanaagaa Wacaalee keessatti Waxabajjii 4, 2025 murni faashistii PP namoota maqaan isaanii:
- Indaalee Taaddalee fi
- Joorbaasaa Gamteessaa jedhaman
badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo “nu waliin taatanii uummata ijaartanii akka isaan dhaaba keenya deggeran gochuu diddan” jechuun qabanii kan hidhan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.



