• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaatti milishoonni sirnichaa meeshaa hawaasaa irraa hiikanii jiraattota hidhaa jiraachuun himame 

Jun 9, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025 

Murni Bilxiginnaa tibbana godina Walloo aanaalee garaa garaatti kallattii tokkoon hawaasa nagaa ajjeesaa, dirqamaan WBO akka lolaniif duulchisaa fi gama biraan ammoo sababoota ga’aa hin taane itti dhiyeessuun uummaticha irraa meeshaa isaan finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo guyyuu isaan weeraru ittiin of irraa deebisuuf bitatan irraa hiikuun, namoota meeshaalee waraanaa irraa hiikanis hidhaa jiru.

Haaluma kanaan Waxabajjii 4, 2025 aanaa Jiille Dhummuuggaa, Saden Makkannaa ganda Jaarraa Waataa irraa namoota meeshaaleen isaanii irraa hiikame:

  1. Obbo Hasan Adam Boroo, 
  2. Obbo Ahimed Umar Abduu, 
  3. Obbo Mahaammad Sheek Ahimed fi 

namoota lama ammaaf maqaan isaanii adda hin ba’in hedduu waliin meeshaa irraa hiikanii hidhuu jiraattonni dabalataan ONM’f eeraniiru.

Dabalataan aanichatti milishoonni fi waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii ofiin jedhan waliin ta’uun waan hawaasni keessa hin beekneen sobaan yakkanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni aanaa Jiille Dhummuuggaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise dabaluun dubbataniiru.

Leave a Reply