ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025
Bobbaa fi galli isaanii ilmaan Oromoo dararuu irratti kan fuulleffate ergamtoonni murna Bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Koonserrii jedhamu keessaa maqaa “ati miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti” jedhuun jiraataa gandichaa nama maqaan isaa Obbo Tasfaayee Abdataa jedhamu jalaa loon 10 ol ooffachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka odeessi gandichaa arganne ibsutti Obbo Tasfaayeen qonnaan bulaa oggaa ta’u, jaleewwan Bilxiginnaa maqaa seera kabachiisna jedhu sababeeffachuun hawaasa Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa hanga ajjeechaa lubbuutti raawwataa oolan sababa Oromummaa isaa qofaaf hadheeffachuun saamicha daangaa hin qabne irratti raawwachuu dubbatu.
Kufaatii dinagdee fi gaaga’ama siyaasaa ulfaataa keessatti danqamee, raafama hammaataa keessa kan jiru murni Bilxiginnaa akka waan impaayerattii kufaatii jalaa baraaruutti watwaachuun humna waraanaa fi maallaqaan of ijaaree sirnacha tiksuuf jecha, jaleewwan isaa qe’ee uummata1Oromootti bobbaasee hawaasa nagaa goolaa jira.

