ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Haaruutti loltuun murna Bixiginnaa tokko Waxabajjii 8, 2025 qawwee AKM 1, hidhannoo 1 fi rasaasa AKM hedduu qabatee mooraa diinaa keessaa miliquun WBO onicha keessa socho’utti harka kennatee jira.
Loltuun sirnichaa duraanii kunis simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaf godhetti hedduuu gammaduu himuun, dirqiin alagaaf qawwee baatee tajaajilaa turuu isaatti dhiifama gaafachuun, kanneen ilmaan Oromoo ta’anii mooraa diinaa keessatti hafanii jiraniinis, saba keessanitti dhukaasuu dhiisaatii yeroon meeshaa keessan waliin kottaa WBO’tti makamuun Oromiyaa walaba baasaa jechuun dhaameefii jira.
Hidhannoo fi qawwee isaanii qabachuun mooraa balfamaa bulchiinsa abbaa irree impaayerattii ganuun WBO’tti makamaa kan oolan loltoonni impaayerattii sabaan Oromoo ta’an kanneen miidhamni saba isaanii isaan gaddisiisu meeshaa isaanii qabatanii qabsoo saba isaanii ABO-WBO’n geggeeffamaa jirutti kanneen makamaa jiran lakkoofsi isaanii dabalaa jira.

