• Fri. Nov 20th, 2026

Dargaggeessi tokko Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti loltoota faashistii PP’n ajjeefamuun dhaga’ame 

Jun 10, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025 

Waraanni faashistii PP godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shuubii Gamoo keessatti dargaggoo maqaan isaa Malkaa Malkee jedhamu umuriin isaa 19 kan ta’e Waxabajjii 9, 2025 ganama sa’a 5:00 irratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.

Murni Bilxiginnaa godinicha keessatti ajjeechaa seeraan alaa, haalaa fi bu’uura seeraa irratti osoo hin hundaa’in maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun duguuggaa sanyii geggeessaa kan jiru oggaa ta’u, ajjeechaan cinatti hojiilee saamichaa, maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo jumlaan hidhuun yakkoota adda addaa taasisaa jira.

Koloneel Abiy Ahimed maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun loltoota isaa uummatatti bobbaasus, gochi inni maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuun raawwachaa jirus egeree uummataaf yaaddessaa fi bu’uura seeraa kan of keessaa hin qabneedha.

Leave a Reply