• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbiitti waraanni Bilxiginnaa jiraataa Aanichaa tokko butanii dhabamsiisuun dhaga’ame 

Jun 10, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025 

Balleessaa malee ilmaan Oromoo yakkanii tarkaanfii hammeenyaa fi gara jabeenyaa irratti raawwachuu kan aadeffatan ergamtoonni murna Bilxiginnaa Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Wajee iddoo addaa Suphee jedhamutti jiraataa gandichaa abbaa daa’mman 5 kan ta’e, nama maqaan isaa Obbo Fiqiruu Waakkennee jedhamu Waxabajjii 8, 2025 yakka tokko malee mana isaatii ukkaamsuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti achi buuteen isaa kan hin beekamne ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Akka maddeen naannichaa ibsanitti Obbo Fiqiruun hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, nama  hojii dhuunfaa isaa irratti jabinaa fi kutannoo qabu, akkasumas daa’imman isaa guddifachuuf kan carraaqu malee deggersaa fi mormiinsa paartii kamiiyyuu kan hin qabne ta’us jaleewwan Bilxiginnaa ammoo “ati deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti, hojii loojistikii WBO’f hojjettaa fi odeessa keenya kennitaaf” maqaa jedhu itti maxxansuun ukkaamsanii akka dhabamsiisan dubbatu.

Kana malees aanichatti yakkoota akka ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi reebicha ulfaataan uummatni hedduu miidhamaa kan jiru yoo ta’u, nageenya lubbuu isaaf jecha bobba’ee galuu dadhabuu irraan kan ka’e sodaa fi yaaddoo ulfaataa keessa akka jiranis dabaluun ONM’f addeessaniiru.

Leave a Reply