ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025
Yeroo adda addaatti jaleewwanii fi ergamtoonni sirnichaa rakkoo hubannoo dhabuu irraa ka’uun sirna bututtuu impaayerattii suphanii qaama isaanii ol jiru gammachiisuuf jecha akkuma argan bobbaafamanii ilmaan Oromoo irratti dararaa ulfaataa raawwachuu itti fufanii jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa bakka addaa Tulluu Ijoollee jedhamu irraa loltoonni faashistii PP maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun Waxabajjii 6, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Gammachuu Moosisaa,
- Fiqaaduu Eebbisaa,
- Raggaasaa Wadaajoo,
- Addunyaa Baqqalaa,
- Malkaamuu Aduushaa,
- Abiree Aduushaa,
- Daani’eel Taaffasaa,
- Shiibirree Tasfaa fi
kanneen biroo hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Qonnaan bultoonni kunneen tuttuqqaa siyaasaa tokko keessaa kan hin qabnee fi badii tokko malee kan qabaman yoo ta’an, kanneen hawaasa naannoo biratti jaallataman loltoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii kan hidhan ta’uus dubbatu.

