ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025
Hololli siyaasaa yeroo baay’ee goyyomsaa dabalatee tooftaalee amansiisaa fayyadamuun yaada uummataa fi amala irratti dhiibbaa uumuun ajandaa ykn kaayyoo siyaasaa murtaa’e tokko deggaruu kan dabalatu ta’uu kan hubate mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed maqaa raayyaa miidiyaa jedhu da’oo godhachuun guutuu Oromiyaa fi impaayerattii keessatti dhiibbaa adda addaa raawwachaa jira.
Kaayyoon hundeeffama Raayyaa Miidiyaa kanaas; odeeffannoo loogii, dogoggorsaa ykn soba babal’isuu kan dabalatu ta’uunis kan beekamu yoo ta’u, yeroo ammaa kanas Baha Harargee aanaa Qumbii keessatti faashistoonni murna PP barsiisota walitti qabuun wantoota Paartiin keenya maxxansaa oolu toora miidiyaa hawaasummaa adda addaa 6 ol banadhaatii hololaa fi burjaajii irratti bobba’aa jechuun dirqisiisaa jiraachuu odeessi nu qaqqabe ni addeessa.
Humna waraanaa qabu fayyadamuun afaan qawween uummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuu kan dadhabe murni bulchiinsi isaa uummata duguuguu malee nagaan bulchuu hin feene Bilxiginnaan holola karaa miidiyaa hawaasaa oofuun akka waan gaarummaa hojjetaa jiruutti sobaan uummata burjaajessuuf karaa ergamtoota isaa fedhii namootaa malee dirqiin akka isaan isa dhaadessan ifaajaa jiraachuu odeessi keessoo isaaniitii ONM’n qaqqabe ni addeessa.


