• Sun. Apr 26th, 2026

Nuti Irree Humna Bilisummaati Malee Irree Sanyii Duguuggaa Miti! (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Jun 10, 2025

Qeerroon Bilisummaa Oromoo (QBO) akeeka fi mul’ata jajjabaa kan amma bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf yayyabamee, murannoon sosso’e dha. Haala kanaan FDG bara 2005 irraa eegalee sochii gaggeessee, booda irra ammoo diddaa saamicha lafaa fi ‘Master plan’ waliin wal qabatee uummata sossoosee, dammaqiinsa siyaasaa biyyoolessa Oromiyaa ol-kaasuun sabboonummaa, eenyummaa dhalootaa gad-jabeesse, fedhii bilisummaa uummata Oromoo keessattuu barattoota Oromoo sadarkaa Yunivesitii irraa haga sadarkaa tokkoffaa, biyyoota alaa fi ollaa gad dhaabee dagaagse.

Warraaqsi kun lubbuu qeerroo fi qarree kumtaatama itti kaffaluun yeroo gabaabaa keessatti akka biyyaatti sirna EPRDF raasee jijjirama bara 2018 fiduu danda’eera. kanaanis TPLF akka Finfinnee keessaa hundee dhabdu tolche. Hidhamtoota siyaasaa manneeti hidhaa keessaa baasee. Mormitoota siyaasaa biyya ollaa fi alaa irraa biyyatti deebise. Sabaa fi sablammoota hedduutti abdii hore. Milkiilee yeroofuu taatu warraaqsa Qeerroon Bilisummaa Oromoon bara 2018 biyyittii keessatti argamaniin addunyaatu ragaadha.

Akeekni Qeerroon Bilisummaa Oromoo wareega qaalii kaffaluun jijjiiranma bara 2018 fide, sirna siyaasaa barootaaf uummatarratti harqoota garbummaa fe’ee cunqursaa ture hundeerraa buqqisuun akka bilisummaan dhugaa argamu, Oromoo fi sabni kamuu mirga hiree isaa ofiin murteeffatnuuf malee akka sirni sanyii duguugaa Oromoo irra jiraatuuf hin turre.

Haa ta’uutii murni waggaa 27 EPRDF keessa ta’ee ilmaan Oromoo dhiiga dhangalaasaa turan, OPDO bara sanaa PP bara kanaa, kan warraaqsicha deeggaran fakkaatanii shira shiruun jijjiirama wareegama ulfaataa QBOtin dhufe butanii maqaa Oromootiin aangoo dhuunffachuun lola haaraa kan lubbuu ilma namaa miliyoonaan lakkaahamu balleessetti seenan. Maqaa Oromoon of waamaa yakka dhala namaarrattti hin raawwatamne Oromoorratti raawwatan. Maqaa faannoo jedhuun PPn waraana/ shiftaa hidhachiisee itti bobbaasuun Oromoo Wallaga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shaggar Lixaa, Shaggar Bahaa, Shaggar Kabaa fi kkf akka horiitti morma qalchiise, mana irratti gubsiise, qee’ee irra buqqusee akkasumas humna halagaa daboo kadhachunn Oromiyaa keessaa bobbaasuun uummata Kenya ficcisiisaa ture. Har’a ammoo olola warri kaabaa nu weeraruuf nurratti wal ijaara jiru jechuun akkuma kaleessa Amaara fi Ertiraa daboo kadhatee Tigraayitti duule sana ammas yakki sanyii duguuggaa biraaf fi waraanaa akka itti fufuuf QBO ulee godhachuuf dhama’an ni jiru.

Haala kanaan namooti dhiiga Oromoo dhangalaasaa turanii fi jiran kan akka Hailu Gonfaa, Bilisummaa Brihanu, Brihanu Leenjisoo, Dammaqaa Nagaasaa, Ababa Garasuu, Ibsaa Nagaasaa, Jireenyaa Rabbumaa, Cimsaa Abdiisaa, Nagaa Jaalataa fi Tokkummaa Fayyisaa artiistoota keessaas nama muraasa qabatanii yeroon ittti wal ijaarree tokkummaan dhaabbannee aangoo fi bu’aa nuuf malu argachuu qabnu amma jechuun baajeta guddaa PP ramaden karaa koree Hayiluu Gonfaan durfamuun hoogganamu fi baasii ta’a jiruun yeroo amma kana namootni hedduun ramadamanii magaalota Oromiyaa garagaraatti boba’uun QBO burjujjeesuun ibiddatti oofuuf qophaahaa jiraachuu odeessi keessoo nu dhaqabee jira. Kunis, seenessa Abiy Ahmed lubbuu oolchuu qabna jedhu qabatanii, Abiy du’a oolchuuf Eritrea loluun dirqama, Qeerroon ijaaramee Ertrea Loluuf qophaahuu qaba, yoo kana hin goone ni hidhamtu, ni ajjeefamtu jedhanii doorsisaa jiru. Warra lola kana irratti hirmaateef ammoo lafaa fi maallaqni isiniif kennama jedhanii goowwomsuuf dhama’aa jiru. Warri gochaa kana keessatti hirmaattanii QBO fayidaadhaan burjujjeessuun umurii Abiy Ahmed dheeressuu yaaltan hundi keessan eenyu akka taatanifi gochaa keessan guyyaa guyaan quba qabna waan ta’ee osoo irraa of qusattanii garii ta’a.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo aangoo nama tokkoo ykn murna tokkoo tiksuuf jecha gatii baasee hin beeku, of-duras hin baasu. Qeerroon Bilisummaa Oromoo mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoo guutuutti fiixa baasuun bilisummaa sabaa fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsuun akka sirni Dimokraasii dhugaa hidda gaddhaabbatu; haqaa, walqixxummaa fi bilisummaan akka jiraatu; ergamtootni sheexanaa kan sanyii duguggaa saba irratti gaggeessan kanaaf ulee ta’uun yakka seenaan nama gaafachiisu ta’uu hubachiisna.

Warri dhiiga Oromoo dhangalaasuu bare kun ammallee dhiiga keen aangoo isaanii ittiin tikfachuuf ibiddatti si guuruuf maqaa Oromummaa, lafaa fi maallaqaan sitti dhufanii jiran kun Oromummaa ykn sabboonummaa tokkollee kan hin qabne ta’uu hubattee akka irraa of-eegdu, lolli keenyi kan bilisummaa sabaaf malee, ergamtoota sheexanaa kan dibbee lolaa tumaaa oolaniif meeshaa akka hin taane, warra kana waliin wal hidhattee lubbuu kee bilaashatti akka hin balleessine dhaamsa Oromummaa siif dhaamna.

Injifannoo Ummata Oromoof!Qeerroo Bilisummaa OromooWaxabajjii 10, 2025 Oromiyaa, Finfinnee

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading