• Sat. Mar 14th, 2026

Raashiyaan haleellaa diroonii ‘guddaa’ Keev fi Odeessaa irratti raawwatteen labuun lammii Yukireen tokko darbe

Jun 10, 2025

ONM-ABO Waxabajji 10, 2025 

Moskoo haleellaa ishee Yukireen irratti raawwattu itti fuftee kan jirtu yoo ta’u, kunia rukuttaa Yukireen lafa Raashiyaa keessaa gadi fageenyaan taasisteen deebii kennuu ta’uun himamaa jira. Mariin nagaa dhuma torban darbee irratti gaggeeffame ammoo waraana waggoota sadii xumuruuf boqonnaa argamsiisuu hin dandeenye. 

Walii galtee hidhamtoota jijjiiruu cinaatti, guddinni dhaabbatee jira, Raashiyaan ammoo waamicha dhoksuu haalduree hin qabneef irra deddeebitee kuffiftee jirti.

Namni ganna 59 tokko Kibxata har’aa gamoolee mana jireenyaa Odeessaa keessatti haleellaa Raashiyaan raawwatameen kan du’e yoo ta’u, yoo xiqqaate namoonni afur ammoo madaa’aniiru jedhan Bulchaan Oleg Kippeer.

Kippeer telegram irratti barreesseen, haleellaa Odesa irratti dirooniin baay’inaan raawwatamuu ibseera.

“Raashiyaan hospitaala dahumsaa, kutaa yaalaa hatattamaa fi gamoo mana jireenyaa rukuteetti,” jechuun hospitaalli dahumsaa yeroon akka baafamu himaniiru. 

Giddugaleessa Keev keessatti gaazexeessaan AFP yoo xiqqaate dhohinsa 12 fi ibidda farra xiyyaaraa fi diroonii dhaga’eera.

Haleellaa yoo xiqqaate aanaalee torba rukuteen, gamoo fi konkolaataan ibiddaan gubachuun namoonni hedduun akka madaa’an gabaafameera jedha France 24.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading