ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025
Oromiyaa keessatti ajjeechaan namoota nagaa ittuma fufuun, qaamni silaa nageenya hawaasaa tiksuu qabu namoota nagaa ajjeesuu amaleefachuun kaleessa Waxabajjii 9, 2025 godina Kibba Lixa Shaggaritti Waaqeffattoota konyaa Sooddoo Daaccii Galma Malkaa Fincaa’aatti koree galmaa fi miseensa ta’an namoota ja’a waraanni raayyaa ittisa impaayerattii rasaasaan bakka tokkotti ajjeessuu maddeen gabaasan.
Maqaan namoota ajjeefamanii kunneenis:
1. Dagaagaa Jiidhaa Baatii,
2. Lameessaa Maaruu,
3. Hundeessaa Naannesaa,
4. Kumaa Nagoo Jaamboo,
5. Bashadaa Adii,
6. Gurmeessaa Tashoomaa Hundee yoo ta’an. Namootni kunneen huccuu galmaa fi wantoota tokko tokko qulqulleessuuf bakka miiccaa jiran lagatti itti dhaqanii ajjeechaa suukkanneessaa fi rifaasisaa kana irratti raawwatanii jiru.
Akkasumas, Lixa Shaggar aanaa jalduu ganda Boniitti dargaggoo abdii maatii ta’ee fi fakkeenyummaa gaarii hawaasa keessatti qabu Bojaa Bokii jedhamu waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii qe’eedhuma isaanii keessatti rasaasa itti dhukaasuun ajjeesuu maddeen aanichaa himaniiru.





