• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee fi Qarsaa Maallimaatti saamichi qabeenyaa fi gubaatiin manneen hawaasaa ergamtoota sirnichaan hammaachuun ifoome

Jun 11, 2025

ONM-ABO Waxabajji 11, 2025 

Saamtonni murna Bilxiginnaa hawaasa Oromoo irratti yakkoota duguuggaa sanyii raawwachaa jiraniin cinatti dinagdee isaas quucarsanii hiyyummaa fi gadadoo keessatti kuffisuf hojjechuu itti fufuun, Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Dhukaat jedhamu keessaa Waxabajjii 9, 2025 namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Bayeessaa Taaddasaa fi 
  2. Obbo Taaddasaa Tolasaa 

jedhaman jalaa qotiyyoo 3 fi sa’a dhaltii 2 ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Akka maddeen himanitti namoonni saamichi irratti taasifame kunneen badii dalagan tokkollee kan hin qabnee fi hariiroo qaama siyaasaa kamuu kan hin hordofne yommuu ta’an, jaleewwan sirnichaa ammoo waraana Bilisummaa Oromoo tumsitu jechuun akka saamantu himama.

Oduu gubaatii manneeniin ammoo Waxabajjii 10, 2025 aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Warabboo iddoo addaa Kuraa lukkuu jedhamu keessaa nama maqaan isaa: 

  1. Obbo Baalchaa Gabbisaa Dhaabii jedhamu jalaa mana tokko qabeenya guutuu waliin gubanii yoo barbadeessan, 
  2. Obbo Ubannaa Dajanee Alamee kan jedhamu jalaa immoo loon 2 fi hoolota 3 ooffachuu maddeen dabaluun himaniiru. 

Dabalataanis guyyaadhuma kana nama kan biraa qonnaan bulaa hojii qonnaaf qotiyyoo isaa ooffatee deemu karaatti itti bahanii qotiyyoo isaa 2 harkaa fudhachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading