• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Bulan keessatti hidhaa fi dararaan ergamtoota sirnichaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaatee itti fufe 

Jun 11, 2025

ONM-ABO Waxabajji 11, 2025 

Godina Matakkal aanaa Bulan ganda 01 keessaa Waxabajjii 8, 2025 loltoonni faashistii PP nama maqaan isaa Hiwunatuu Baqqalaa Irranaa jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namni kun siyaasa kam irraa walaba kan ta’ee fi sababa sobaa “deggeraa WBO’ti” jedhuun yakkamee kan hidhame yoo ta’u, akkuma aanichaattis sarbamiinsi mirga namoomaa jaleewwan sirnichaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu daran hammaatee jiraachuus hima.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti Oromoo ta’anii dhalachuu qofti yakka ta’uun  baroota dhufaa darbaan akka bineensa bosonaatti adamfamuun sarbamiinsi mirga namoomaa garaa garaa irratti raawwatamaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading