ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025
Akka dirree waraanaatti meeshaalee waraanaa hidhachuun qe’ee uummata Oromootti duuluun lubbuu fi qabeenya uummatichaa barbadeessaa kan oolan shiftooni murna PP koloneel Abiy Ahimediin teessoo impaayerattii irratti tkisuuf dhama’an dararaa isaanii uummata irratti jabeessuun aanaa Dirree Hincinnii fi Jibaat keessatti duguuggaa sanyii jabeessanii jiru.
Akkaatuma kanaan Waxabajjii 8, 2025 aanaa Dirree Hincinnii ganda Buuyyamaa Mijuu jedhamu keessatti qonnaan bulaa tokko kan maqaan isaa adda hin ba’in maqaa WBO nyaachiste jedhuun rasaasa itti roobsanii galaafatan. Namni kun harka qalleessa waa’ee siyaasaa hin beeknee fi hojii humnaa hojjechuun of jiraachisu ta’uu kan himan jiraattonni, murni badii kun garuu ilma Oromoo ta’uu isaa qofaaf soora rasaasaa akka taasisan himanii jiru.
Oduu saamichaatiin ammoo Waxabajjii 9, 2025 onichuma ganda Muuyyoo Jilaa keessatti gocha isaan hin ibsine itti maxxansuun horii uummataa hedduu saamanii deemuu jiraattonni miidhaan kun irra ga’ee jiru ONM’f himanii jiru.
Akka guutuu onoota godinichaatti maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun balleessaa tokko malee aduu dhiitee bariituun afaan qawween doorsisuun uummata meesha maleeyyii gidiraa jajjabduu agarsiisaa jiraachuu odeessi uummata bakkichaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

