ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Ajjeechaan impaayera Itiyoophiyaa keessatti teessuma aangoo siyaasaaf jecha lubbuu ilma namaatiin tirgaa siyaasaa taphachaa kan oolan namoota nagaa murtii tokko malee lubbuu baasuu irratti halkanii fi guyyaa hojjetu.
Kanumaan kan walqabatus Waxabajjii 9, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa waajjira poolisii magaalaa Maqiitti jaarsa biyyaa kan ganna 50 oli kan maqaan isaa Obbo Gammadaa Jaamboo jedhamu erga hidhamees baatii 11 ol kan lakkoofsise reebicha ulfaataa loltootni gara jabeeyyiin PP irratti taasisaa turaniin lubbuun isaa darbuun dhaga’ameera.
Jaarsa biyyaa kana irratti adda durummaan Poolisoonni reebicha irratti raawwachaa turan maqaan isaanii:
- Abdii Ahimad,
- Kaliil fi
- Faantahuun
kanneen jedhaman oggaa ta’an hidhamtootni siyaasaa hedduun reebicha isaaniin lubbuun darbaa akka jiranis jiraattonni dabaluun ONM’f eeraniiru.

