ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Barsiisaan qaroo dhalootaa fi biyyaa dhuunfaa isaatiin beekumsa, dandeettii fi gatiiwwan dhuunfaa fi ogummaadhaan guddachuuf barbaachisan qajeelchuu, kakaasuu fi hubannoo hawaasaaf barbaachisoo, Yaada qeeqaa, rakkoo furuu fi hirmaannaa lammummaa guddisuudhaan egeree hawaasaa bocuu keessatti gahee murteessaa taphata.
Haa ta’u malee impaayerri Itiyoophiyaa xiyyeeffannoon barsiisonni tattaaffiin isaan dhalootaaf beekumsa dabarsuudhaaf haala mijataa fedhan mijeessuufii irra danqaa itti ta’uun barattoonni odeeffannoo qabatamaa akka horatanii fi ogummaawwan barbaachisoo gosoota barnootaa adda addaa irratti akka horatan gargaaruu irra hidhuu, ajjeesuu, doorsisuu fi hojii irraa ugguruu irratti fuulleffatanii dhiibbaa qaqqabsiisaa kan jiran oggaa ta’u, Waxabajjii 9, 2025 galgala irraa godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Gurracha Aallataatti shiftoonni koloneel Abiy Ahimed barsiisaa tokko ukkaamsuun hidhuun barameera.
Barsiisaan shiftooota faashistii PP’n hidhame kunis maqaan isaa Damusee Dilbii kan jedhamu oggaa ta’u, mana barumsaa sadarkaa lamaffaa bulchiinsa magaalaa Haaruu irraa akka barsiisus jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.



