• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti hidhattoonni Amaaraa dargaggoo Oromoo tokko ukkaamsanii maallaqa guddaa gaafachuun dhaga’ame 

Jun 13, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025 

Hidhattoonni Amaaraa kanneen maqaa Faannoo jedhuun of waamanii fi ergama diinummaa qabatanii deggersa murna Bilxiginnaan daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun uummata Oromoo irratti gochoota gara jabinaa fi suukkanneessaa abbaan isaanii Minilik raawwataa tureen olitti raawwachuu itti fufanii jiru.

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa naannoo Buufata 3’ffaa jedhamutti Waxabajjii 4, 2025 finxaaleeyyiin Amaaraa kanneen aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar-Guutee irra socha’an dargaggoo Oromoo maqaan isaa Baayyuu Raggaasaa jedhamu ukkaamsuun achi buutee isaa erga dhabamsiisanii booda gara maatii isaatti bilbiluun “qarshii 600,000 yoo fiddan mucaa keessan isiniif gadhiisna; ta’uu baannaan ammoo morma isaa murree isiniif ergina” jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon kun dhalataadhuma godina Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu ta’uu himuun, innis hojii idilee ogummaa konkolaachisummaatiin jireenya harkaa gara afaanii kan jiraatuu fi maatiin isaas harka qalleeyyii waan ta’aniif qarshii gaafataman kana kennanii lubbuu mucaa isaanii bararuu kan hin dandeenye ta’uus jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading