• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti finxaaleeyyiin Amaaraa qonnaan bultoota Oromoo irratti saamicha yoo raawwatan, Lixa Shaggar Aanaa Bakkoo Tibbeetti barataa hidhan

Jun 13, 2025

ONM-ABO Waxabajji 13, 2025 

Aanaa Kiiramuu ganda Ashuu Kusaayee bakka addaa Caffee Baddeessoo jedhamutti gara jabeeyyiin hidhattoota Amaaraa maqaa Faannoon socho’an Waxabajjii 6, 2025 galgala:

  1. Obbo Tamasgeen Nugusee nama jedhamu haala suukkaneessaa ta’een erga ajjeesanii booda, sangoota 3 jalaa saamanii deeman.

Kana malees, qonnaan bulaa maqaan isaa: 

  1. Obbo Haayiluu Fayisaa jedhamu jalaa horii inni qabu hunda jalaa saamanii deemuun dabalataan ibsameera.

 Akkasumas, godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Gambeela Tarree jedhamutti Waxabajjii 11, 2025 milishonni murna faashistii PP barataa maqaan isaa Mitikkuu Qannoo jedhamu sababa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatan.

Barataa kana kan qabsiise milishaa Bilxiginnaa maqaan isaa Suutumaa Qajeelaa jedhamu ta’uun baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading