• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Qarsaa Maallimaatti waraanni Bilxiginnaa manneen jireenyaa gubuu fi dararaa hamaa raawwachaa jiraachuun dhaga’ame

Jun 13, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025 

Badii malee hojii gaariif iddoo kan hin qabne murni Bilxiginnaa jireenya uummataa gaddaa fi gadadoo gochuutti kan gammadu mana jireenyaa hawaasaa ibiddaan barbadeessuun uummatni mukeen jalatti qorraa fi roobaan daa’imman waliin dahoo tokko malee akka rakkatan gochuu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Waxabajii 11, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Qoree Saabii jedhamu keessatti waraanni Bilxiginnaa manneen jireenyaa lama ibiddaan gubanii barbadeessuu fi dararaa hamaa jirattota irratti raawwachaa jiru maqaa WBO deggertu jedhuun hawaasa goolaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Namoota manneen isaanii jalaa gubachuun saamaman keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Obbo Lammaa Haayiluu nama jedhamu jalaa mana qorqorroo tokkoo fi mana citaa tokko qabeenyaa keessatti argamu waliin gubanii yoo barbadeessan, qotiyyoo cimdii lamas jalaa saamanii deemaniiru,
  2. Obbo Gabbisaa Abarraa kan jedhamu immoo waraqaa seeraa fi yakka tokko malee qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii maallaqa guddaa gaafachuun rakkisaa jiraachuu dabaluun  himaniiru. 

Akka jiraattonni gandichaa ONM dubbise himanitti namoonni yakki saamichaa fi gubaatiin manneenii irratti raawwatame kunneen badii dalagan tokkollee kan hin qabnee fi hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu irraa bilisa yommuu ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa immoo maqaa gocha isaanii hin taane itti maxxansuun gochaa rifaasisaa kana irratti raawwachuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading