• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti hidhattoonni Amaaraa qonnaan bultoota Oromoo saamuu cimsanii itti fufan

Jun 14, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2025 

Aanaa Amuruu ganda Hoolee Bilii jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhuun socho’an Waxabajjii 9, 2025 qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Baay’isaa Naccuu jedhamu jalaa sangoota 4 saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, ganduma kana irraa finxaaleeyyiin kunneen torban darbe keessa qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Fiqaaduu Toleeraa jedhamu bakka inni qonnaa qotutti dhaqanii waanjoo keessaa baasuun sangoota 2 fudhatanii deemuu itti dabaluun ibsanii jiru.

Aanaadhuma kana ganda Lukmaa Waallii jedhamu irraas finxaaleeyyiin kunneen torbanuma darbe keessa, qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Buzaayyoo Waaqjiraa jedhamu lafa qonnaa isaa deemuun harqoota irraa hiiksisanii sangoota 2 fudhatanii deemuun eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading