ONM-ABO Waxabajji 14, 2025
Waraanni Joordaan diroonii fi misaa’eloota Jimaata darbe naannoo qilleensaa mootummaa cabsan addaan kutuu ishee ibsiteetti. Kunis erga Iraan haleellaa Israa’el irratti deebii kennuuf dhaadattee booda.
“Sirni humna qilleensaa fi ittisa qilleensaa Mootii Jimaata ganama misaa’elaa fi diroonii naannoo qilleensaa Joordaan seenan hedduu addaan kute,” jedha ibsi waraanaa.
Haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwattee booda magaalaa guddoo Joordaan keessatti saayireniin weerara qilleensaa kan dhaga’ame yoo ta’u, Daarektoreetiin Nageenya Uummataa ammoo namoonni mana akka turan gaafateera.
“Qajeelfama irratti cichuu fi mana keessan keessa turaa,” jedha beeksisni sagalee guddiftuu Amaan irratti ba’e.
Joordaan kanaan dura waldhabdeen naannoo kamiyyuu akka sarbamuu fi dhaadatamuun akka hin hayyamne dubbattee turte.
Waxabajjii bara 2024tti Joordaan diroonii fi misaa’eloota hedduu Iraan Israa’el keessatti dhukaaste addaan kuttee turte.
Dubbi himaan mootummaa Mohammad Mommanii AFPtti akka himanitti, “Joordan waan naannoo qilleensaa ishee cabsuu kamiyyuu hin hayyamtu, biyyi isaanii dirree waraanaa eenyuufuu akka taatu hin eeyyamtu” jedhan.
Iraan Sanbata har’aa ganama haleellaa haaraa Israa’el irratti jalqabde jedhan miidiyaaleen kutaa biyyattii. Haleellaan kunis erga waraanni Israa’el misaa’elli Iraan gara Israa’elitti dhukaafame jiraachuu adda baasee booda.
Biyyootni lamaan haleellaa diinummaa walitti irratti raawwachaa jiraniin deggersaa fi balaaleffannaa biyyootaa argachaa jiru.

