ONM-ABO Waxabajji 14, 2025
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti rakkoolee walxaxaan garaa garaa mul’achaa kan jiru ta’us, tibbana ammoo rakkoo nageenyaatti aansee ibidda laboobaa qabsiisuuf kan jiru keessaa tokko kufaatii dinagdee impaayerattii keessatti mudateen miindaan hojjettotaaf kaffalamu dhibuu isaati.
Haaluma kanaanis Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti namoonni hojiiwwan mana mootummaa faashistii PP adda addaa irratti bobba’uun jiraatan miindaa osoo hin kaffalaminiif guyyootni 10 darbuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.
Miindaan ji’a Waxabajjii 3, 2025 kan nuuf kaffalamuun irra ture hafuun hanga gabaasni kun qindaa’etti osoo hin kaffalamin guyyoota 10 guutuu dararamaa jirra jechuun dubbatu.
Impaayerattii keessatti rakkina miindaan irraa cituu fi kaffaltiin hojii isaaniin wal gitu itti hir’achuun akkasumas hojjetanii osoo qabanii beela’uu irraan kan ka’e hojjettoonni mootummaa sadarkaa cufa irra jiran ogeessota fayyaa fi barsiisota dabalatee baatiilee darban keessa mormii isaanii dhageessifachuun sirnicha irratti fincila kaasaa turuun isaanii ni yaadatama.

