• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti lukkeeleen Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko hidhaatti darbatan

Jun 15, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025 

Aanaa Siraaroo magaalaa Sambatee irraa jaleewwan Bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Raamataa Haajii Waarisaa jedhamu badii tokko malee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiste” jedhuun Waxabajjii 9, 2025 qabuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Akka jiraattonni himanitti, qonnaan bulaan kun hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi sababa Oromummaa isaa qofaaf kan hidhame ta’uu himuun, akkuma aanichaatti dararaan ergamtoota Bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu kan duraa caalaa cimee itti fufee jiraachuu ibsu.

Ergamtoonni Bilxiginnaa ergama qaama isaanii olii irraa itti kenname raawwachuuf jecha guutuu Oromiyaatti hidhuu, saamuu, manneen gubuu fi ajjeechaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gochaawwan kanneenis hawaasa hirmaannaa siyaasaa keessaa qooda hin fudhanne irratti akka hammeessan jiraattonni dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading