ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025
Murni abbaa irree uummata Oromoo afaan qawween cafaqee bulchuu barbaadu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun hawaasa meesha maleeyyii irratti yakkoota garaa garaa raawwachiisaa jira.
Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa “waajjira gandaa eebbisiisna” jechuun tokkoon tokkoon araddaa aanichaa keessatti re’oota 12 akka jiraattonni bitanii dhiheessaniif dirqamsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, ijaarsa waajjira gandaa kanaaf armaan dura tokko tokkoon araddaatti qorqorroo baallee 400 hawaasa dirqamaan bichisiisanii kan ijaaran ta’uu himuun, kanaan cinattis qarshii 1000 ammoo meeshaalee kanneen biroo ijaarsaaf oolan ittiin binna jechuun saamaa kan jiranii fi jiraattonnis jalqaba irraa eegaluun hanga ijaarsi kun xumuramutti hojii idilee isaanii irraa dhorkamuun humnaa fi qabeenya isaaniitiin ijaaranii kan xumuran ta’uu dabaluun himaniiru.

