• Tue. Nov 24th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluutti waraanni murna Bilxiginnaa dargaggoo tokko irratti ajjeechaa raawwachuun himame 

Jun 16, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Shanan kooluu araddaa Cabbii Qaammee ganda Jijjigaa jedhamutti waraanni ergama koloneel Abiy Ahimediin milkeessuuf bobbaafaman Waxabajjii 14, 2025 dargaggoo maqaan isaa Muktaar Abdii Mohaammad jedhamu yakka tokko malee mana maatii isaatii gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Sababni ajjeefamuu dargaggoo kanaa waanti ibsame jiraachuu baatus yaadni jiraattota gamasii akka ibsutti hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qaba shakkii jedhuun akka ajjeesantu himama.

Dargaggeessi kun garuu hidhata qaama kamiiyyuu akka hin qabne kan dubbatan jiraattotni, aanicha keessatti doorsisnii fi dararaan akkasumas ajjechaan maqaa WBO deggertu jedhuun jiraattota irratti taasifamaa jiru hammaachuus dabaluun himaniiru. 

Kana malees  Waraana Bilisummaa Oromoo waliin quunnamtii qabdu maqaa jedhu da’oo godhachuun aanicha keessatti namoonni hedduun hidhamuu, reebamuu, achi buutee dhabamsiifamuu fi ajjeefamaa turuun ni yaadatama. 

Leave a Reply