ONM-ABO Waxabajjii 16, 2025
Murni Bilxiginnaa ilmaan hiyyeessaa manneen barnootaa fi iddoolee hojii dhuunfaa isaanii irraa dantaalee adda addaan goyyomsuu fi gariin dirqiin guuruun guutuu Oromiyaa keessaa leenjii waraanaatti ergaa kan jiru yoo ta’u, loltoonni leenjifaman kunneenis hojii dabaa sirnichi itti jiru kana hubachuun hidhannoo guutuun keessaa harca’aa jiru.
Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti kan argamu buufata waraanaa Gidaaraa jedhamuun beekamu irraa Waxabajjii 13, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii sadii:
- qawwee AKM turkii 2,
- kilaashii dachaatuu 1 fi
- hidhannoo guutuu qabachuun WBO aanicha keessa socho’utti harka kennachuu hooggansi WBO onicha keessa socho’u ONM’tti himee jira.
Miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii duraanii kunneen simannaa WBO’n isaaniif taasiseefitti hedduu gammaduu himuun, hiriyyoota isaanii mooraa diinaa keessatti hafanii jiraniin qawwee fi hidhannoo keessan qabachuun yeroodhaan qabsoo saba keessanii ABO-WBO’n geggeefamaa jirutti makamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

