• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu akkaan cimsanii itti fufan

Jun 16, 2025

ONM-ABO Waxabajji 16, 2025  

Arsii Bahaa Aanaa Suudee magaalaa Darrabbaa keessatti shiftoonni Bilxiginnaa kanneen dantaa dhuunfaaf jooran maqaa “kaffaltii gibira manaa” jedhuun mana tokkotti qarshii 12,000 jiraattota irraa afaan qawween saamaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees gandoota akka; Ashmiiraa Wargaanbuullaa, Lacee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti ammoo “Kaabinoota leenjii irra turan ittiin simanna” jechuun tokkoon tokkoon gandoota kanneeniitti hoolota korbeeyyii qalmaaf oolan lama lama jiraattota dirqamaan bichisiisanii kan jiran ta’uunis eeramee jira.

Saamichi raawwatamaa jiru kunis nagahee seeraa kan hin qabne yoo ta’u, hawaasni harka qalleeyyii hedduunis qarshii humnaan olii gaafataman kana waan kennan dhabuun tarkaanfiin reebichaa hanga hidhaatti irratti raawwatamaa jiraachuu dubbatu.

Koloneel Abiy Ahimed dinagdee impaayerattii gama maraan harkatti kufe deebisee dandamachiisuuf jecha yeroo garaa garaattti ergamtoota isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun saamicha qabeenyaa ulfaataa ta’een gaaga’ama dinagdee geessisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading