• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaatti loltoonni murna PP lama hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

Jun 16, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2025 

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’an lama Waxabajjii 15, 2025 aanaa Galaanaa gandoota Dhamee fi Calbeessaa irraa: 

  • qawwee AKM 2, 
  • hidhannoo 2 fi
  • rasaasa hedduu 

qabachuun mooraa faashistii PP gananii WBO’tti harka kennatanii jiraachuu WBO’n onicha keessa socho’u ONM’tti himee jira.

Loltoonni sirnichaa duraanii kunneen simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaniif godhetti gammaduu ibsuun dogonggoraan diina ilmaan Oromoof qawwee baatanii ergamaa turuutti uummata Oromoo dhiifama gaafachuun, hiriyyoota isaanii hubannoo malee sirna abbaa irreef qawwee baatanii uummata isaanii dararaa jiraniin osoo yeroon jirtuu hidhannoo keessan waliin WBO’tti makamuun uummata keessan bilisa baasaa jechuun dhaamaniifii jiru.

Loltoonni sirnichaa dirqii fi goyyomsaan ukkaamfamuun sirnicha tajaajilaa turan kanneen ilmaan Oromoo ta’anii fi sabootni biroon diinummaa bulchiinsa abbaa irree Abiy Ahimed hubatan guyyuu mooraa waraana Bilxiginnaa ganuun hidhannoo isaanii waliin WBO’tti makamaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading