• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsootti waraanni koloneel Abiy Ahimed walitti dhukaasuun du’aa fi madoon wal adabuun dhaga’ame 

Jun 17, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025 

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Oosee jedhamu keessatti Waxabajjii 13, 2025 ergamtoonni faashistii PP kanneen maqaa poolisii Oromiyaa jedhuun waamamanii fi raayyaa ittisa impaayerattii keessaa kanneen sabaan Amaaraa ta’an waliin sabaan wal qoodanii dhukaasa hamaa walitti banuun 6 battalatti wal irraa yoo ajjeesan, hedduus madoo dandammii hin qabneen wal adabanii jiraachuu maddeen amanamoo mooraa Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen keessoo Bilxiginnaa himanitti, guyyaa taateen kun raawwatee eegalee mooricha keessatti ergamtoota sirnichaa gidduutti wal gaareffannaa, wal shakkii fi abdii kutannaan daran jabaatee jiraachuu dubbatu.

Dhiigni qaqqaaliin kichuu ilmaan Oromoo loltoota faashistii PP’n guyyuu akka bishaaniitti dhangala’uu fi lafeen isaan cabsan samii fi dachee gubbaatti iyyachuun daranuu garaa garummaan sirnicha gidduutti akka uumamu taasisaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading