ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Jaleewwan Bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii irraa itti kenname ba’anii gammachiisuu fi bu’aa dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha, gama danda’an maraan ciqilee isaanii hawaasa Oromoo irra dhaabbachuun dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Murni Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Hoolotaa keessatti jaleewwan isaa kanneen garaa isaanii qofa guuttachuuf dhama’an bobbaasuun, kaffaltii waliin isaa hin beekamneen torban darbe irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’etti dirqamaan mana tokko tokkotti qarshii 5,000 murteessuun humnaan harkaa fuuchaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jaleewwan Bilxiginnaa manaa mana irra deemuun “nama qarshii jedhame kaffaluu dide, mana isaa diigna” jechuun hawaasa magaalichaatti dhaadachuun doorsisa irratti geggeessaa jiraachuu dubbatu.
Yeroo ammaa murni faashistii PP Oromiyaa baadiyaa fi magaalaa akkasumas dhabaa fi qabaataa osoo adda hin baasin qaawwaa baajeta waraanaan uumame cufuu fi kan biraas meeshaa bitatanii jabaatanii duguuggaa sanyii geggeessuuf aduu dhihee bari’uun mata duree adda addaa bocachuun saamicha uummata irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

