ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Iraan Wiixata kaleessaa Biriteen, Faransaayii fi Jarmaniin Israa’el haleellaa lubbuu namaa galaafatu Iraan irratti raawwattu akka dhaabdu dhiibbaa akka godhan lola diinummaa lamaan gidduutti guyyaa afraffaaf itti fufee jiru gidduutti gaafattee jirti.
“Jarman, Faransaayii fi Ingiliiz yakka mootummaan Ziyoonistii, keessumaa dhaabbata niwukilaraa Naataanz irratti raawwate baay’ee ifatti balaaleffachuu qabu turan,” kan jedhan dubbi himaan ministeera haajaa alaa Esma’el Baqayee, humnoonni Awurooppaa “weerara kana dhaabuu” fi Israa’el akka “gaafatamtuu” irratti xiyyeeffachuu akka qaban ibsaniiru.
Waraanni Israa’el ammoo gama isaan kaleessa akka jedhetti, haleellaan diinummaa Iraan fi Israa’el gidduutti guyyaa afraffaaf itti fufee jiru keessatti, misaa’ela Iraan lafa irraa gara lafaatti furguggistu harka sadii keessaa tokko barbadeessuu isaa ibseera.
Erga Jimaata darbe Israa’el Iraan irratti duula jalqabdee as, “misaa’ela furguggifamtoota 120 ol kanneen waliigala furguggifama mootummaa Iraan keessaa harka sadii keessaa tokko ta’an barbadaa’aniiru,” jechuun dubbi himaan waraanaa Birgaadeer Jeneraal Effiyee Defrin ibsa kennaniin dubbataniiru.
Chaayinaan ammoo kaleessa Iraanii fi Israa’el erga Teehiraan magaalota Israa’el irratti haleellaa misaa’elaa cimaa bantee fi Israa’el Iraan keessa gad fageenyaan bakka waraanaa i rukuttee booda, waldhabdee hir’isuuf tarkaanfii akka fudhatan gaafatteetti.
Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Chaayinaa Gu’oo Ji’akun, “Qaamoleen hundinuu hatattamaan tarkaanfiiwwan waldhabdee qabbaneessuu, naannichi jeequmsa guddaa keessatti akka hin kufneef, akkasumas marii fi mariitiin dhimmoota furuuf karaa sirrii ta’etti akka deebi’an haala uumuu akka qaban dhaamna,” jedhan jechuun AFPn gabaaseera.

