• Tue. Jan 13th, 2026

Tiraamp waldhabdeen Iraan fi Israa’el guyyaa shanaffaa gidduutti lammiileen Iraan Teeyiraniin akka gadhiisan yoo dhaaman, humni US Iraaniin akka hin haleelle qondaalli waraanaa ibse  

Jun 17, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025 

Israa’elii fi Iraan guyyaa shanaffaaf walitti aansuun haleellaa wal irratti raawwachaa jiran gidduutti prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp lammiileen Iraan Teehiraan akka gadhiisan gaafataniiru. Kunis rakkoo waliigaltee misooma meeshaa niwukilaraa to’achuuf barbaadame  diduu ishee irraa uumame ta’uu caqasuuni.

Tiraamp garee walgahii biyyoota dinagdeen badhaadhan G7 Kanaadaa Kaanaadaatti geggeeffamu irraa Wiixata kaleessaa sababa haala Baha Giddu Galeessaatiin dhiisanii akka deebi’an Waayit Haawus himeera. Fox News mana maree nageenya biyyaalessaa isaanii akka waaman gabaaseera.

“Iraan ‘waliigaltee’ mallatteessuu qabdi turte. Akkam qaanii, fi jireenya dhala namaa kan qisaasessu jechuun taatee waraanaan uumamaa jiru dubbatan. Salphaatti, Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu hin dandeessu. Ani irra deddeebi’ee jedheera! Namni hundi  Teehraniin gadhiisuu qaba!” jechuun Tiraamp waltajjii miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti barreessaniiru.

Prezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon akka jedhanitti, Tiraamp G7 keessaa dafanii bahuun isaanii gaarii dha, kaayyoon battalaa Israa’elii fi Iraan dhukaasa dhaabuu US yaada dhiheessite irratti akka walii galan gochuudha.

“Keessattuu dhukaasa dhaabuu qabaachuu fi marii bal’aa jalqabuuf dhiyeessiin dhiyaate jira. Kun ammoo waan baay’ee gaarii natti fakkaata,” jechuun Maakroon ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbatan. “Kanaaf amma qooda fudhattoonni maal akka hojjetan ilaaluu qabnas” jedhan.

Miidiyaaleen Iraan Kibxata ganama dhohinsaa fi balaan ittisa qilleensaa cimaa Teehran keessatti akka mudate gabaasan. Ittisa qilleensaas Natanz keessatti kan hojiirra oole yoo ta’u, dhaabbileen niwukilaraa ijoo km 320 fagaatee kan argamu ta’uu marsariitiin Asriran News gabaaseera.

Gargaaraan Waayit Haawus tokko US Iraan irratti duuluun ishee dhugaa miti jedheera. Ministirri Ittisaa Pete Hegset Fox News’tti akka himanitti, Tiraamp ammallee Iraan waliin waliigaltee niwukilaraa kaayyeffachaa akka jiran himuun, US qabeenya ishee naannichatti akka ittistu himaniiru.

Qondaaltonni Iraan guyyaa shan keessatti du’a 224, irra caalaan isaanii namoota nagaa kan gabaasan yoo ta’u, Israa’el ammoo lammiileen nagaa 24 ajjeefamaniiru jetteetti. Ministirri Maallaqaa Israa’el Bezalel Ismotrich sababa miidhaan tarkaanfii Iraan irraan ga’een Israa’elotni gara 3,000  baafamaniiru jechuu Al Arabiyaan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading