• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti barsiisaan tokko reebicha hamaa mana hidhaatti irratti raawwate dandamachuu dadhabuun lubbuun isaa dabarte

Jun 18, 2025

ONM-ABO Waxabajji 18, 2025 

Gareen garboomfataan impaayerattii yeroo adda addaatti hangafa beekaa fi beekumsaa kan ta’an barsiisota dhaloota qaruu malee hirmaannaa dhaaba siyaasaa hunda keessatti miira itti gaafatamuu malee  hin hirmaannee fi ijaarsa biyyaa keessatti shoora qaban sababoota quubsaa hin taaneen ilaalcha siyaasaan yakkee  dararaa hamaa irratti raawwachuun aadeffaran bara Abiy Ahimed keessa ammoo jabaatee miidhaa qabeenyaa, qaamaa, qalbii fi lubbuu geessisaa jira. 

Aanaa Limmuu magaalaa Galiilaa jedhamu irraa barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Limmuu kan ta’e Barsiisaa Dhugaasaa Foroosoo reebicha hamaa yeroo adda addaatti mana hidhaatti irratti raawwate dandamachuu dadhabuun Waxabajjii 16, 2025 lubbuun isaa darbuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, barsiisaan kun nama jabaa fi qaroo sirnaan dhaloota qaru malee hirmaannaa dhaaba siyaasaa kan hin qabne yoo ta’u, nama uummanni Oromoo dhabuu hin qabne waggoota 30 oliif gosa barnoota herregaa barsiisuun barattootaa fi hawaasa biratti jaallatamummaa guddaa kan qabuudha. Haa ta’u malee garee yakkamaan Bilxiginnaannbadii barsiisaa kanaa malee qabee  mana hidhaatti miidhaa ulfaataa irra gaheen lubbuun isaa darbuu hiriyootni isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Dhimma saba isaaf bara mootummaa TPLF impaayerattii bulchaa ture hidhamee hedduu dararamaa kan turee fi sabboonummaa dhugaan nama saba isaa jaallatu ta’uun maqaan isaanii akka ka’u ni dubbatama.

Aanicha keessatti yakki namoomaa namoota badii isaanii malee qabamanii hidhaman irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, buufata poolisii aaanaa Limmuu kana keessatti mana hidhaa irraa baasanii ajjeesuu, miidhaa qaamaa irraan ga’uu, keessaa fuudhanii leenjii waraanummaaf erguu fi reebanii ajjeesuun waan baratameef jiraattotni namootni isaanii hidhamanii jiran nageenya firoottan isaanii mana hidhichaa keessa jiraniif yaadda’aa jiraachuu ibsaniiru.

Leave a Reply