ONM-ABO Waxabajji 18, 2025
Loltoonni faashistii PP bakkeewwan hawaasni dhimma itti ba’uu fi tajaajilamu cufa buufata waraanaa godhachuun tajaajilaan ala taasisanii miidhaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Aanaa Makkoo magaalaa Makkoo keessatti bakki oolmaa dargaggootaaf qophaa’ee tajaajila kennaa ture, yeroo ammaa addaan cituun loltoonni impaayerattii buufata waraanaa godhachuun achi keessatti hawaasa dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Bakka kana malees, loltoonni sirnichaa magaalicha keessaa mana barumsaa tokko cufsiisuun bakka qubsumaa godhachuun barattoonni akka keessatti hin baranne dhorkuun dabalataan ibsamee jira.
Akkuma impaayerattiitti, loltoonni goolessituun kunneen manneen hawaasaa dabalatee bakkuma ija isaaniitti tole cufa humnaan fudhachuun buufata waraanaa godhatanii keessatti hawaasa dararaa jiraachuu gabaasni ONM’n dhaqqabe ni ifoomsa.

