ONM-ABO Waxabajjii 18, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Tobbii jedhamu irraa Waxabajjii 15, 2025 ergamtoonni PP abbaa ijoollee 6 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Abduramaan Adam Danuu jedhamu waltajjii hawaasaa keessaa ful-duratti baasuun badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, Obbo Abduramaan siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin hordofne ta’us, jaleewwan sirnichaa ammoo maqaa “ilma keetu miseensa WBO’ti” jedhuun haala nama gaddisiisuun ija hawaasaa duratti akka ajjeesan himan.
Tarkaanfii suukkaanneessaan ilmaan Oromoo ija maatii fi hawaasa keessatti dhalatan duratti ajjeesuu, morma muranii fannisuu fi dararuu kun hawaasa bal’aa itti jiilchuun olaantummaan bulchuuf yaadamee akka ta’e gocha bineensummaa isaanii kana irraa hubachuun ni danda’ama.
Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa kan jiru Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti loltoota isaa kumaatamaan bobbaasuun haala duraan barameen olitti hawaasa meesha maleeyyii irratti yakkoota suukkanneessoo garaa garaa raawwachiisuu itti fufee jira.



