• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Baalee Bahaa Aanaa Sawweenaa keessatti maliif rakkoo hawaasaa miidiyaa hawaasaa irratti baastee maxxansiteen dargaggeessi tokko yoo hidhamu, Aanichatti doorsisaa fi hidhaan sabboontota irratti hammaatee jiraachuus jiraattonni ONM’f himan

Jun 19, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025 

Gareen faashistii PP uummata dararee bulchuun aangoo isaa dheereffachuuf lukkeelee isaa godina Baalee Bahaa aanaa Sawweenaatti bobbaasuun doorsisaa fi hidhaa jiraattota irratti raawwachaa jira.

Keessattuu sabboontota ilmaan Oromoo kanneen quuqama sabaa qaban miidhamuu hawaasaas dubbatan maqaa “ijaarsa qaamolee biroo of-keessaa qabdu” jedhuun hidhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, Waxabajjii 16, 2025 jiraataa aanaa Sawweenaa magaalaa Miicaa kan ta’e dargaggeessi maqaan isaa Riyaad Abdushakuur Sheek Mohaammed jedhamu shiftoota faashistii PP’n ukkaamfamuun hidhamee jiraachuun ibsameera.

Sababni hidhamuu isaatii inni ijoonis hanqina buufata fayyaa aanaa Sawweenaa magaalaa Miicaa keessatti argamuun hawaasni hedduun dhibeef saaxilamanii lubbuun darbaa jiraachuu miidiyaa hawaasaa gubaatti barreessuu isaaf akka hidhame dabaluun himaniiru.

Dargaggeessa kana dabalatees sabboontonni ilmaan Oromoo danuun maqaa “hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun onicha keessatti hidhamaa akka jiranis ONM’f ifoomsaniiru.

Godina Baalee lamaan keessatti iyyuu hanqinoonni bu’uuraalee misoomaa danuun jiraachuu kan himan jiraattonni, keessattuu dhabamuu fi qulqullina dhabuu buufata fayyaa, bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuu, rakkoo daandii konkolaataa fi lafoo kan uummanni irra socho’u akkasumas tajaajila ibsaa sirrii dhabuun gidirfamaa kan jiran ta’us, gareen Abjuun keenya milkaa’eera, hanga yaannee ol hojjenne jedhan Bilxiginnaan rakkoo kana furuu irra hanqina tajaajila hawaasaa argan mirga yaada isaanii bilisaan ibsachuu fayyadamuun toora miidiyaa hawaasaa irratti waan itti dhaga’ame maxxansan jiraattotaa hanga gaazexeessaatti qabee hidhuun murtii waggaa olii itti murteessuun sirna ukkaamsaa ta’uu isaa mirkaneessaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading