• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa waraana garboomfataa PP’n raawwatamaa jiru cimee itti fufuun dhaga’ame

Jun 19, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Daaloo Koomtoo jedhamu irraa Waxabajjii 18, 2025 dargaggoo maqaan isaa Fayisaa Tashoomaa jedhamu tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa sobaan yakkuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoo Fayisaan hordofaa siyaasa garee kamiiyyuu kan hin taane ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa garuu maqaa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun ukkaamsanii kan hidhan ta’uu dubbatu.

Murni naasuu tokkollee dhala namaaf hin qabne Bilxiginnaan, jaleewwan isaa kumaatamaan uummata Oromootti bobbaasuun gochoota gara jabinaa hammeenyaan guutame garaa garaa irratti raawwachiisaa jira.

Leave a Reply