ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Dhoqonuu jedhamu keessatti Waxabajjii 15, 2025 jiraataa gandichaa abbaa ilmaan 6 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Abdataa Shaashee jedhamu yakka dalage osoo hin qabaatin gaaffii seeraa malee manuma isaatii gadi baasanii rasaasaan ajjeesuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Kana malees gandichuma keessatti ergamtoonni sirna dhableeyyiin Bilxiginnaa kunneen qaama hidhatee isaan lolu dheessuun hawaasa harka qullaatti deebi’anii ajjeesuun cinatti manaa fi qabeenya isaas ibiddaan gubanii, gariin ammoo saamuun faayidaa dhuunfaa ofiif oolfachaa jiru.
Namoota manaa fi qabeenyi jalaa gubachuun manca’e keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Obbo Dajanee Kabbabaa mana tokkoo fi qabeenya guutuu waliin,
- Obbo Addunyaa Raggaasaa jalaa mana 2 qabeenya guutuu waliin,
- Obbo Kumsaa Sindiiquu jalaa mana 2 qabeenya guutuu waliin
gubanii barbadeessuu jiraattonni naannichaa ijaan arganii fi keessa beekan ONM’f ibsanii jiru.


