ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii ganda Ganjii Dambii jedhamu irraa Waxabajjii 8, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Obsaa Uummataa fi
- Tasfaayee Taayyee jedhaman
loltoonni Abiy Ahimed sababa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen deggertoota siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin taane yoo ta’an, jaleewwan sirnichaa ammoo maqaa “WBO’f nyaata kennitanii mana keessan bulchitu” jedhuun yakkanii kan hidhan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Loltootni murna Bilxiginnaa umurii aangoo koloneel Abiy Ahimediin itti fufsiisuuf jecha goleewwan Oromiyaa mara keessatti bobba’an yeroo gara yerootti sarbamiinsa mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuu hammeessanii jiru.

