• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti loltoonni Bilxiginnaa saamicha hawaasa irratti raawwatan hammeessuun himame

Jun 19, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025 

Aanaa Cawwaqaa ganda Burqaa Barakaa jedhamutti Waxabajjii 15, 2025 bakka Tarkaanfataa jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Duree Hayaatii jedhamu jalaa badii tokko osoo hin qabaatin, “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachista” jechuun dukkaana jalaa cabsanii guutummaa guutuutti saamanii deemuu fi “yeroo itti aanutti immoo isin ajjeesna” jechuun maatii guutummaa irratti doorsisa raawwatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Dararaan jaleewwan sirnichaan hawaasa irratti raawwatamu garmalee hammaachuu jiraattotni himuun, milishoonni Bilxiginnaa hawaasa rakkisuu hojii idilee godhatan kanneen maqaan isaanii:

  1. Murataa Tsootii,
  2. Abdumaalik Ahimad,
  3. Adam Yusuuf,
  4. Yoonisee Heeydar,
  5. Jamaal Mahaammadii fi 
  6. Jamaal Idiris kan jedhaman ta’uu dubbatu.

Aanicha guutummaa keessatti hawaasni sababa lukkeelee kanneeniif akka itti gabaa deemu dhabee rakkataa jiraachuu fi hiraarsaa hamaan hawaasa irratti raawwatamu kan isaan yaaddesse ta’uu jiraattonni itti dabaluun ibsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading