ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025
Aanaa Tolee ganda Dhukaat keessatti Waxabajjii 17, 2025 loltoonni faashistii PP aanaa Qarsaa Maallimaa mooraa waraanaa Adaadii irraa bobbaafamuun saamichaa fi gubaatii manneenii maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwachuu jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.
Haaluma kanaanis namootni horiin jalaa oofamuun mannis jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:
- Obbo Zaruu Hashoo kan jedhamu jalaa mana 1 gubuun, jabbii 1, qotiyyoo lama, sa’a dhaltii lamaa fi re’oota 8 jalaa ooffatan,
- Obbo Gazzuu Dabalee jalaa qotiyyoo 2 jabbii 1, sa’a dhaltii 2 fi re’oota 14 jalaa ooffatan,
- Obo Gazzuu Tulluu jalaa re’oota 6 fi sa’a dhaltii tokko waatii waliin jalaa ooffatan
- Obbo Biraanuu Tulluu jalaa re’oota 10,
- Obbo Araarsoo Simee jalaa sa’a dhaltii 1,
- Obbo Yaareedee Silashii jalaa mana 1 qabeenya mana keessa jiru guutuu waliin gubanii barbadeessuu jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.


