• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti loltoonni faashistii PP manneen jiraattotaa gubuu cimsanii itti fufanii jiraachuun dhaga’ame 

Jun 19, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025 

Hireen saba Oromoo dachee isaa keessatti bo’ichaa fi gadadoo ta’uun, gara jabeeyyii ergama diinummaa qabaachuun Oromomummaa himachaa, faallaa isaa immoo hojiiwwan mancaatii sabichaa fi lubbuu ol-adeemtotaa baasuu irratti xiyyeeffachuun daba raawwachaa jiraniin gidirfamaa jiru.

Waxabajjii 18, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Goorii irraa loltoonni ergama badii qabachuun gara ganda Amuumaa Giyoorgisitti bobbaafaman manneen jiraattotaa kanneen maatii qabsaa’otaa ta’an qabeenya guutuu waliin ibidda itti shiduun barbadeessanii of-duuba deebi’uu jiraattonni onichaa ONM’f ifoomsaniiru.

Maatii manneen jalaa gubate keessaa kan maqaan nu qaqqabe:

  1. Obbo Zalaalem Immiruu,
  2. Obbo Faqqadaa Tarfaasaa fi
  3. Obbo Galaanaa Uummataa 

kanneen jedhaman oggaa ta’a, shiftoonni kunneen meeshaalee mana keessaa gariin keessaa fudhachuun bulchiinsa magaalaa Gooriitti kan deebi’an yoo ta’u, kan hafe ammoo guutummaa akka guban dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading