• Sat. Mar 14th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti namoonni nagaan lama loltoota PP’n ajjeechaan irratti raawwachuun himame 

Jun 20, 2025

ONM-ABO Waxabajji 20, 2025 

Ajjeechaan qabsaa’otaa fi namoota nagaa irratti mootummaa abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin raawwatamu akka dhaabbatuuf dhiibbaan idil-addunyaa barbaachisaa ta’us, Abiy irra keessaan nagaa fi jaalala faarsaa dubarra ammoo qe’ee uummataatti waraana bobbaasuun badii isaanii malee yakkuun ajjeechaa raawwatu.

Bu’uuruma kanaanis godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti torban tokko keessatti namoonni nagaan maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun loltoota PP’n ajjeefamaa kan jiran yoo ta’u, Waxabajjii 17, 2025 dargaggoonni lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Ifaa Aqaaboo fi
  2. Abbuu Araarsoo 

ammoo Waxabajjii 18, 2025 ganda Daraaraa Daalachaa irraa yakka tokko malee akka ajjeefaman jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Gochi safuu hawaasaa keessatti fudhatama hin qabne dhala namaa badii tokko malee eenyummaa isaanii qofaan yakkuun ajjeesanii bineensa nyaachisuu fi reeffa fudhachuuf maatiin ilmaan jalaa ajjeefamaa jiran qarshii kaffalaa jiran keessa kan jiru sabni Oromoo, roorroo fi gidiraan murna PP’n irratti adeemaa jirus jireenyatti abdii isaan kutachiisuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading