ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025
Ergamtoonni shiftaa Abiy Ahimediin durfaman aanaa Baddannoo araddaa Raaree Jennataa jedhamu irraa hawaasa dirqamaan afaan qawwee itti qabanii qawwee bichisiisuuf Waxabajjii 15, 2025 waliin mari’ataa turuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ergamtoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofa giddu galeessa godhachuun qawwee baatanii socho’an kunneen, qarshii isaan hawaasa irraa saamuuf qophaa’an hanga ammaatti ifaa ta’uu baatus, of-qopheessaa jechuunis doorsisaa kan jiranii fi kana malees kaffaltii nagahee hin qabne hedduun uummata saamaa jira. Namoota kaffaltii jedhame kaffaluu didan immoo, sarbama mirga namoomaa ulfaataa irratti raawwachaa akka jiranis ibsameera.
Araddaa kana malees, araddoota aanichaa guutummaa fi akkuma impaayerattiitti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa waan nyaatee bulu dhabee rakkatuu fi qaala’insa jireenyaa impaayerattiin wal-aansoo wal qabaa jiru dararuu hammeessanii jiru.

