ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025
Koloneel Abiy Ahimed dhiibbaa uumuun namoota gidirsee bulchuuf jecha impaayerattii tasgabbeessuuf mormitoota kamiyyuu ukkaamsuudhaan to’annoo isaa jala galchuu filannoo taasifachuun mormitoota siyaasaa kanneen sirnichaan morman hidhuu, saamuu fi ajjeessuu tarsiimoo seerawaa godhachuun Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisaa jira.
Bifuma kanaanis sochii uummanni Oromoo diddaa hidhannoo dhaaba ABO-WBO waliin hiriiruun sirnichaan mormaa jiru bittimsuu maqaa jedhuunis hidhaa akka yaada furmaataatti ilaaluun namoota jumlaan goleewwan Oromiyaa keessaa waajjira poolisii, manneen barnootaa fi mooraa waraanaatti hidhaa kan jiran yoo ta’u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaa irraas namoota hedduu ukkaamsuun hidhanii gidirsaa jiraachuun beekameera.
Hidhamtoonni kunneenis reebichaa fi doorsisni haalaan irratti raawwachaa jiraachuun kan himamu oggaa ta’u, kanneen torban kana qabaman maqaan isaanii kan nu qaqqabe:
- Mulukaa Salaam,
- Na’iimaa Ahimed,
- Ibraahim Adam,
- Hasan Muusaacaaloo,
- Huseen Muusaa,
- Dameessaa Bakaree,
- Hafiis Mikaa’elii fi
- Musxafaa Sheek Amayyee kanneen jedhaman akka ta’e beekameera.


