• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti waraanni murna Bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeesuun dhaga’ame 

Jun 20, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025 

Lubbuun ilmaan namaa bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed kana keessa naasuu fi birmannaa dhabuun guyyuu akka baala mukaatti waraana sirna dhableeyyii Bilxiginnaan guyyuu obba’aa oola.

Bu’uuruma kanaanis Waxabajjii 17, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa keessatti dargaggoo maqaan isaa Tolaa Ashamii jedhamu badii tokko malee loltoonni koloneel Abiy Ahimed mana maatii isaatii gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Akka jiraattonni gandichaa himanitti dargaggoon kun nama tuttuqaa siyaasaa kamiyyuu hin qabne hojiiwwan hawaasa gammachiisu kan namuusaa fi duudhaa sabichaa waliin wal-simu hojjechuun jaalala sabaa kan qabu malee yakka lubbuu isaa baasisus akka hin raawwanne dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading