ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025
Jala deemtonni koloneel Abiy Ahimed kanneen garaa isaaniif jecha teessoo siyaasaa nam-tokkee tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaafaman yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo hunda saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin sababoota sobaa garaa garaa itti maxxansuun miidhaa ulfaataa irraan gahaa jiru.
Dhalataa Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa kan ta’e daa’ima maqaan isaa Abdii Mulaatuu jedhamu Waxabajjii 19, 2025 osoo inni magaalaa Naqamtee irraa gara mana maatii isaatti galaa jiruu jaleewwan sirnichaa badii tokko malee aanichuma ganda Jireenyaa jedhamu keessatti ukkaamsuun mooraa waraanaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Abdiin daa’ima ol-adeemaa barnoota isaa hordofuu malee waa’ee siyaasaa homaa tokkollee kan hin beekne yoo ta’u, guyyaa qabamee hidhame kanas magaalaa Naqamtee irraa qormaata biyyoolessaa kutaa 8’ffaa kan bara kanaa xumuree boqonnaaf gara maatiitti galaa kan ture ta’uu eeranii jiru.

