ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025
Jiraattuu godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa kan taate haati maqaan ishee Aadde Shawwisee Irranaa jedhamtu torban darbe keessa osoo isheen gabaa irraa daldalattee gara manaatti galaa jirtuu jaleewwan Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 iddoo addaa Maaramii jedhamutti badii tokko malee qabuun waajjira poolisii ganda 07 geessanii hidhuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aadde Shawwiseen siyaasa kam irraa bilisa kan taatee fi dhugaatii alkoolii daldaluun maatii ishee jireenya harkaa gara afaanii kan jireessitu yoo taatu, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kennita” jedhuun yakkanii kan hidhan ta’uu dubbatu.
Akka Aadde Shawwiseen hidhamtuufis adamsee kan qabsiise jiraataadhuma ollaa ishee kan ta’e milishaa Bilxiginnaa maqaan isaa Birraatuu Baayisaa jedhamu ta’uus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa qaama hidhatee isaan lolu injifachuu oggaa dadhaban gara golaatti deebi’uun hawaasa meesha maleeyyii sababoota garaa garaa itti maxxansuun miidhaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.

