ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025
Israa’el Sanbata har’aa ganama sagantaa niwukilaraa Iraan tilmaamame yoo xiqqaate waggaa lamaan duubatti deebisuu ishee himatteetti. Kunis Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp haleellaa qilleensaa Ameerikaa irraa Iraan fagaachuuf turtii torban lamaa akka qabdu erga akeekkachiisaniin booda.
Tiraamp duula boombii Israa’el irratti Ameerikaa hirmaachisuun, yaada yeroo dhiyootti torban lama keessatti murtaa’uu danda’u ta’uu agarsiisaniiru.
Israa’el har’a akka jettetti humni qilleensaa ishee bakka misaa’ela itti kuusan fi bakka itti furguggifamu irratti haleellaa haaraa eegaluu himteetti. Sababiin isaas morkattuun ishee meeshaa niwukilaraa akka hin guddisne ittisuuf kaayyeffachuu ibsite.
“Akka madaallii dhageenyetti, yoo xiqqaate waggaa lamaa fi sadiif boombii niwukilaraa qabaachuu akka hin dandeenye duraa harkifneerra,” jechuun Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Geediyoon Saar gaaffii fi deebii Sanbata har’aa maxxanfameen dubbataniiru.
Saar akka jedhanitti, weerara Israa’el torban tokkoof ture itti fufa. “Dorsiisa kana buqqisuuf jecha waan achitti gochuu dandeenyu hunda ni hojjenna,” jechuun gaazexaa Jarman Bild’tti himaniiru.
Gama biraan dippilomaatonni olaanoon Biriteen, Faransaayii fi Jarman irraa dhufan Jimaata darbe gita isaanii Iraan Abbaas Aragaachi waliin wal arganii,marii Ameerikaa haleellaa Israa’eliin karaa irraa maqe akka deebi’anii jalqaban gaafataniiru jechuun AFP’n gabaaseera.


